05/09/2026
Giddugalli Misooma Namoomaa Dargaggoota Naannoo Hararii Leenjii Misooma Namoomaa fi Ijaarsa Dandeettii Dargaggootaaf Kenne.!!
*********
Giddugalli Misooma Namoomaa Dargaggoota Naannoo Hararii, dandeettii hunda-galeessa dargaggootaa ijaaruu fi ilaalcha gaarii Akka horatan tasiisuuf leenjii qopheesse guyyaa har'aa haala milkaa'aan gaggeesseera.
Waltajjiin kun dargaggoonni dandeettii of gaggeessuu isaanii akka fooyyeffatan, amala fi xiin-sammuu namootaa hubachuudhaan hariiroo hawaasummaa cimaa akka uuman, akkasumas yeroo isaanii sirnaan fayyadamanii milkaa'ina boruutiif bu'uura cimaa akka horatan hubannoo guddaa uumeera.
Dargaggoonni leenjii kana irratti hirmaatan beekumsa argatan gara hojiitti jijjiiruun, jireenya isaanii irratti jijjiirama gaarii fiduu bira darbanii hawaasa isaanii keessatti fakkeenya fi madda jijjiiramaa akka ta'an waamichi dhiyaateera.
Dargaggoo ilaalchaa gaariifii xiin-sammuu cimaa qabu bu'uura hawaasa cimaa waan ta'eef, giddugalli keenya hojii dhaloota ijaaruu fii dandeettii dargaggootaa cimsuuf, akkasumaas Dhaloota qaruu walqabatee tajaajiloota kannu hunda kana caalaatti cimsee kan itti fufu ta'a.