የአሌ ወረዳ ቀይ መስቀል ማኀበር waldaa Qaaxxamura Diima Aanaa Aallee

  • Home
  • Ethiopia
  • Gore
  • የአሌ ወረዳ ቀይ መስቀል ማኀበር waldaa Qaaxxamura Diima Aanaa Aallee

የአሌ ወረዳ ቀይ መስቀል ማኀበር  waldaa Qaaxxamura Diima Aanaa Aallee ለሰብዓዊነት እንኖራለን!! Namoomaaf jiraana!!

Aanaa Diiduutti namoota balaa roobaatiin miidhamaniif deeggarsi gosa garaagaraa qarshii kuma 500 olitti tilmaamamu taasi...
08/04/2026

Aanaa Diiduutti namoota balaa roobaatiin miidhamaniif deeggarsi gosa garaagaraa qarshii kuma 500 olitti tilmaamamu taasifame.
===
Bitootessa 29/2018 (KGIAB)Godina Iluu Abbaa Booritti Waldaan Qaxxaamura Diimaa damee godinichaa Aanaa Diiduutti namoota balaa roobaa fi qilleensaan miidhamaniif deeggarsa gosa garaagaraa qarshii kuma 500fi kuma 47 olitti tilmaamamu taasise.

Aanichatti rooba cimaa bubbee makatee roobeen hawaasa miidhaan irra qaqqabeef waldaan qaxxaamura diimaa damee godina Iluu Abbaa Boor bulchiinsa godinichaa waliin magaalaa Laalootti argamuun deeggarsa kana qaamolee miidhamaniif kenneera.

Itti gaafatamtuun ijaarsa Paartii Badhaadhinaa damee godina Iluu Abbaa Boor Aadde Mitikkee Leggesee deeggarsa kennamee ilaalchisuun yaada kennaniin, deeggarsi taasifame galateffatanii; aadaafi duudhaa gaarii hawaasni keenya ittiin waldeeggaruu qabun qaamolee miidhaman bira dhaabbachuun murteessaadha jedhan.

Itti gaafatamaan Waldaa Qaxxaamura Diimaa godina Iluu Abbaa Boor Obbo Fayyisaa Abduu gama isaaniin deeggarsi kun hawaasa balaa uumamaan miidhaman kana dandamachiisuu fi namoota balaa cimaan irra gahee baraaruuf kan kaayyeffatee ta'uu himanii deeggarsi taasifame meeshaalee Qorqorroo, Jibbaa fi Uffata halkanii tilmaama qarshii kuma 500fi kuma 47 ol taasifamu himaniiru.

Namoonni deeggarsi taasifameef tokko tokkos deeggarsa waldaan qaxxaamura diimaa godina Iluu Abbaa Boor taasiseef galateeffachuun ammayyuu qaamoleen biroo deeggarsi barbaachisuun waan jiraniif isaan biras qaamoleen kaan akka dhaabbatan gaafataniiru.

24/09/2025
17/09/2025
17/09/2025
08/07/2025

Address

Gore

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when የአሌ ወረዳ ቀይ መስቀል ማኀበር waldaa Qaaxxamura Diima Aanaa Aallee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share