Dambi Dollo

Dambi Dollo Dambi Dollo ( Dembi Dollo ) is the capital of Qellem Wellega Zone of the Oromia Region.

Dr. Haayilee Fidaa Arjoo, Wallaggaatti dhalatee, Naqamtetti guddate. Akkuma beekamu Dr Hayileen qubee Afaan Oroomoo bocu...
22/02/2026

Dr. Haayilee Fidaa Arjoo, Wallaggaatti dhalatee, Naqamtetti guddate.

Akkuma beekamu Dr Hayileen qubee Afaan Oroomoo bocuu keessatti ga'ee guddaa fi ol-aanaa qaba. Yeroo Aurooppaa jiraataa ture miseensa garee barattoota Oromoo kan qorannoo irratti xiyyeeffatuu ture. Gareen kun Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta'uuf qorannoo bal'aa godhe. Haaluma kanaan, qorannoon Haayilee Fidaatiin durfamu bara 1972 barruu qorannoosaa kan Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afaan Oromoo, Tatek, 1972 maxxanse. Barruun kunis Afaan Oromoo qubee Laatiniitiin barreessun filatamaa akka ta'e seera ittiin Afaan Oromoo Laatiniidhaan barreeffamu bu'uura kan kaa'e ture. Dr Hayileen, itti fufuudhaan qubee Afaan Oromoo haaraa kanatti fayyadamuudhaan kitaabota lama walitti aansuun maxxanse.

Kitaabni inni jalqabaa Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo kan jedhamu yoo ta'u qorannoo caasluuga Afaan Oromoo ti. Kitaabni kun kan maxxanfame bara 1973, magaalaa Paarisitti. Kitaabni inni lammaffaan ammoo mata dureen, "Bara Birraan Barihe" jedha.

Baga Waaq du'a dingataa isin baraare lammii koo ! Aanaa Daallee  Sadiitti balaa Bus ODAA mudateen miidhaa cimaa fi salph...
05/02/2026

Baga Waaq du'a dingataa isin baraare lammii koo !
Aanaa Daallee Sadiitti balaa Bus ODAA mudateen miidhaa cimaa fi salphaan lammiilee keenya irra gahus Waaqayyo badii lubbuu oolcheera 🙏

Namootni keenya biyyoota ambaa keessa facaatanii jirtan duula ijjoollee Dr. Lataa gargaaruuf baname kana irraa hirmaadha...
18/01/2026

Namootni keenya biyyoota ambaa keessa facaatanii jirtan duula ijjoollee Dr. Lataa gargaaruuf baname kana irraa hirmaadhaa 🙏🙏

Dr. Lataa Tesfaayee had recently completed his Doctoral Degree… Qumbi Kumsa needs your support for In Loving Memory of Dr. Leta Tesfaye: Supporting his Family

Seenaa jireenya Dr. Leta TesfayeDooktar Lataan Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambidoolloo, ganda 05tti  Onkoloolessa ...
17/01/2026

Seenaa jireenya Dr. Leta Tesfaye

Dooktar Lataan Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambidoolloo, ganda 05tti Onkoloolessa 2, bara 1979 dhalatan. Barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaas achumatti manneen barnootaa adda addaatti baratan.

Barnoota digirii jalqabaa Yuunvarsiitii Jimmaa irraa Barnoota Fiiziksiin eebifaman. Qabxii Olaanaa fiduu isaaniitiin filatamanii kallattiin Yuunivarsiitii Finfinnee galuun damee Condensed Matter Physics jedhamuun Digrii Lammaffaa isaanii xumuran.

Yuunivarsiitii Finfinnee irraa damee Pure Physics tiin PhD ykn Digirii 3ffaa isaanii jalqabaa argatan.

Biyya Afrikaa Kibbaa, Free State University irraa damee Nano Materials jedhamuun ammas PhD lammaffaa argatan.

Biyya Ameerikaa, Key West University irraa damee Business Administration tiin PhD sadaffaa xumuraniiru.

Akkasumas, Biyya Hindii Narendra University keessatti barnoota Economics Digrii Lammaffaa (Masters) hordofaa turan.

Barruulee saayinsii (Science Journals) idil-addunyaa fudhatama qaban irratti qorannoowwan 80 ol maxxansaniiru.

Hojiiwwan qorannoo isaanii keessaa qorannoowwan turban (7) mirga abbummaa kalaqaa (Patent) argataniiru.

Yuunivarsiitii Walqixxeetti Barsiisummaan tajaajilaniiru.

Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaatti Barsiisaa fi sadarkaa Piroofeesara Gargaaraatti (Associate Professor) akkasumas Wiirtuu Material Science and Engineering Center of Excellence keessatti Daayireektara ta’uun tajaajilaniiru.

Yuunivarsiitii Dambi Doollootti: Waggoota ja’aaf (6) pirezidaantii ta’uun amanamummaa fi bu’aa qabeessummaa olaanaan tajaajilaniiru.

Yuunivarsiitii keessatti wiirtuu qonnaa hundeessuun hawaasni naannoo akka irraa fayyadamu taasisaniiru.

Mana barumsaa bultii addaa(Boarding School) naannoo sanatti hundeessuun barattoonni barnoota isaaniitiin qabxii olaanaa akka galmeessisan gumaacha guddaa taasisaniiru.

Tajaajilli buufata xiyyaaraa Dambi Doolloo waggoota hedduuf addaan citee ture akka deebi’ee hojii jalqabuuf dhimmee hordofuun, hawaasni naannichaa tajaajila geejjiba qilleensaa hawwii guddaan eegaa ture akka argatu gochuu isaaniitiif gumaachaniin Daandiin Qilleensa Itoophiyaa irraa waraqaan ragaa galataa kennameefi jira.

Mana barumsaa Qaroo dhabeeyyii Magaalaa Dambi Doolloo keessatti waggaa 105 dura banamee sababa adda addaatiin waggoota 50 oliif cufamee ture, qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hojii idilee isaatti akka deebi’u gahee olaanaa bahataniiru.

Hospiitaalli Dambi Doolloos sadarkaa kompreensiviitti guddatee Yuunivarsiiticha jala akka galuuf ga'ee guddaa taphachuu isaaniitu himama.

Dooktar Lataan gaa'ela horachuun abbaa ijoollee durbaa lamaa akka turanis seenaan jireenya isaanii ni mul'isa.

Address

Dembi Dolo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dambi Dollo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share