19/08/2024
Daa'imman bifa suukanneessaa ta'een gude*edamanii aj*jeefaman muraasa > Galmee gurraacha
~~~
Wallaahii wabillaahii osoo baay'ee natti ulfaatuun barruu kana katabe. Ammattis wantin gochuu danda'u kana.
Haati bine*ensa ilmoo isii kichuutti jalaa cire mana hidhaatti soorti.
1. Daa'ima wagga 7 kan taatee Heevan Taarik gude*edamuun bifa suukanneessaa ta'een aj*jeefa*mte. (2024)
2. Daa'imni waggaa 9 Faaxumaa Ugaas namoota afur ta'anii erga gude*edanii booda funyoo/haadaan rar*raa-sanii isii aj*jees*an (2023)
3. Daa'imni waggaa 7 Dasseetti abbaan biddeenaa isii erga isii gude*edee booda gajar*aan morma irra kut*ee aj*jeese (2018)
4. Shamarreen waggaa 16 Salaam Yiheyis abbaan biddeenaa isii erga isii gude*edee booda bil*laadhaan bakka 7 isii wara*anee cicciree isii ajjeesse (2023)
5. Shamarree waggaa 16 Adoonaayit abbaan biddeenaa umrii 10 irraa kaasee waggoottaniif erga isii gude*edaa turee booda yeroo isiin qaama seeraatti hirmaachuuf jettu bifa suukanneessaa ta'een isii ajje-ese*e.
6. Shamarree waggaa 16 Haannaa Laalaangoo ukk*aamsanii taaksiidhaan erga fudhatanii booda nama shan ta'anii gude*edanii lub-buu isii baasan.
Kunneen kanan ammatti yaadhadhee katabe muraasa. Sanuu kan miidiyaa irratti bahee hawaasni dhaga'e.
Namoota dhuunfaafi gareen yakka kana daa'imman kanneen irraa raawwatanii lubbuu isaanii kabajamtuu sana balleessan tokko irratti murtoon hojii isaanii madaalu hin kennamne.
Manni murtii jalqaba waggaa darzaana wayii ittii murteessa, mootummaanis maqaa ''amala sirreessaa'' jedhuun yeroo muraasaaf mana hidhaa kaa'ee qallabee osoo murtoon itti murtaa'e hin dhumin deebisee gadi dhiisa. Hanguma kanaa gatiin lubbuu namaa? Gatiin namoomaa? Gatiin hawaasa kaan ittiin barsiisuu? Lakki!
Kanneen namni hin argin, kan waammattee awwaannaa dhabde, kan kophaa isii akka taate taatee binee*nsota akkanaatiin nyaatte hoo meeqa laata?
Wanti kun bara dhufaa darbaa dhaabbata hin jiru. Murtoon namoota yakka akkanaa hojjatan madaalu hidhaan alatti maaf hin jirre? Yoo hin jiraannellee seerri haaraan maaf hin tumamne? Maaltu ulfeesse? Seerri biyyi ittiin bulaa jirtu maal Rabbiin biraa dhufemoo maaf hin fooyyofne? Maali maaf hin jijjiirramne? Maali maaf itti hin dabalamne?
Hanga yoomitti haati bine*ensa ilmoo isii kichuutti jalaa cire mana hidhaatti sooraa ofiif ammoo mari'imaanii ciinca'aa teessi?
© Je Jo Bale