24/07/2026
Jaalalti Dhugaa Eessa Jirti? 🤍
Shamarran Lamaatu ture. Isaan Lameenuu Jaarsi Isaanii Naggaadeedha. 👩❤️👨
Kana guyyaa tokko osoo waliin ta'anii Video gabaabduu laalutti jiranii, Gurbaa tokko Kan Social Media Gubbatti akkaan Jaartii isaa Faarsu argan.
Isaan lachuu Save godhatan. Beekhi isaan lachuu wal Quba hin qabanii.
🌙 Galgala yeroo Jaarsi galu, Isheen jalqabaa ( ) Video jaarsa isiitti agarsiiste.
Yeroo kana jaarsi isii ( ) akkana jedheen:
❤️ "Bareedduu tiyyaa... Ija hawaasaa duratti ibsuu sodaadhuus, akka malee si jaaladha beekhi. Akka isaan social media irratti haasa'an sanaa olittiin si jaaladha."
Yeroo kana isiiniis...
😔 **"Hii! Kun sossoobaadha. Namni nama jaalatu ibsuun rakkoo maalii qaba? Ani jaartii teetii bar? Akka Abaluun jaartii qabaa, namni si hin beekneef dhoksuu barbaaddeeti moo?
Yoo dhuguma akka jettu kanatti na jaalatta ta'e, maaliif guyyuma tokko jaalala naaf qabdu hawaasa duratti naaf hin ibsine? Guyyuma tokko Suuraa teenya maaliif FB kee gubbatti hin maxxansine?"** jetteen. 😔
Yeroo kana fuulli isaa jijjiirame.
"Obbolii, siin jaaladha siin je'ee bar! Silaan si jaalachuu baadhee maaliifiin si waliin jiraadha? Amma dadhabeetiin dhufee, na dhiisi! Arraas boruus fuula miidiyaa duratti si hin baasu. Tiyyaafiin si fuudhe malee hawaasaaf si hin fuunee bar. Yoo kana narraa eeyde...."
🌸 Tan
Tuniis akkuma tan duraa san Video san Jaarsa isii agarsiifte. 📱
Yeroo kana inniniis akkuma kan duraa san akkana jedheenii deebiseef:
❤️ "Bareedduu tiyyaa... Ija hawaasaa duratti ibsuu sodaadhuus (qaanfadhuus), akka malee si jaaladha beekhi. Akka isaan social media irratti haasa'an sanaa olittiin si jaaladhaa."
Ija isaa keessa laaltee, qoma isaa irratti achi hirkattee akkana jette: 🤍
Rassuullii keenya jaalatamaan ﷺ:
> الْحَيَاءُ شُعْبَةٌ مِنَ الْإِيمَانِ jedhan.
"Bareedaa koo... Kun rakkoo hin qabu bar qaalii koo. Ammaas wanta Ergamaan Rabbii ﷺ nu barsiisan keessaa tokko, ni'imaa Rabbii siif oole hunda ifatti mul'isuun yeroo hunda gaarii akka hin taane nu barsiisanii bar.
Ani wantiin kana si garsiiseef irra hedduun bultii akkanaa barakhaa hin qabduu siif himuufi. Yoo ati arra as gubbaatti ana kan faarsitu tahe, sheeyxana meeqaatu kan duraan quba nu hin qabne, shira nutti yaaduu jalqaba? Ija haasidaa meeqaatu gara keenya deebi'a? 😔
Shamarran meeqatu, 'Inni jaartii isaa akkana jaalataa?' jedhanii narraa si laalu jalqaba. Namoonni garaan isaanii hammaatiis shira yaaduu danda'anii bar. Wallaahi, ani jaalala kee niin beeka. Kanaaf adawwii fi haasida fitti hin yaamnu." 🤲
"Ammaas wlh bar ruuhii koo irra hedduun bultii akkanaa barakhaallee hin qabduu.
An kaniin si garsiiseef isaan kun maaliif adawwii fitti horanii jechuufi malee, akka ati na jaalattu wallaaleeti mitii bar, lubbuu kiyyaa." ❤️ jetteen.
Yeroo kana inniniis jecha Rassuulaa isiin dubbatteef ﷺ jechaa...
Ija isii keessa laalaa, akka waan imimmaan ija isaa guutu ta'een isii qomatti maxxanfatee akkana jedhe:
❤️ "Habiibtii tiyyaa... Daranuu wlh yeroon jecha akkanaa kana sirraa dhagahu, jaalalti tee lakkaan natti dabalti bar... Mee akkamumaan siif taha?" jedheen.
:
🥹 "Lubbuu kiyyaa... Narraa dadhabdee xiqqo naaf boqodhu." jetteen.
:
❤️ "Yoon maal tahellee situ na dagachiisaa; dadhabbiin eeysa jirti ruuhii tiyyaa?" jedheen.
:
"Hayyee, koottuu hiraata keenya nyaannaa." jetteen waliin gara nyaata isaanii kutan. 🍽️
Mee ati hoo amalli kee kam keessa jira?
🌹 Ee, bultiin waliif hubannoo barbaaddi jechumaafi. Gorsa ni qabdii mitii?
🤍 Hayyee, galatoomaa.
Feromsa Adnan Fugug irraa❤️.