Hashiim Ahimed Nur

Hashiim Ahimed Nur Waaliin Waal tanee waliif Haa tanu

  ..kana dubbisii Dhibba keessaa tokko laalii qabuuf yaali jechaa nama gorsuu Osoo hin taane,Dhibbanuu qabii tokko keess...
12/10/2025

..kana dubbisii
Dhibba keessaa tokko laalii qabuuf yaali jechaa nama gorsuu Osoo hin taane,Dhibbanuu qabii tokko keessaa nyaadhu jechutu irra gorsa gaarii beeki.

ila
Waggaa Dhibba tokko jiraattus,yeroon carraan si dhaqaabu guyyaa tokko malee guyyaa Dhibba sanii mitii beeki.

Jaaloo
Milkaa'inni waa hedduun utubamaa hin dagatin, Milkaa'inni,taa'anii carraa eeguu Osoo hin taane, jabaatanii hojjachuudhaan argama,Milkaa'inni nama barbaadanii argatuun Osoo hin taane mataa ufii barbaadanii argatuudhaan bakka gaha, Milkaa'inni waan jalqaban hifatuu Osoo hin taane, galma ufii laalaa irratti cichuudhaan itti gahama, milkaa'inni soodatanii kaayyoo ufii irraa maquun Osoo hin taane,gadi dhaabbatanii kaayyoo ufii galmaan gahuuf carraaquudhaan galma gahaa hubadhu.

Obbolaa
Lubbuun kufaatii heddu keessummeessaa dhufte dhumti isii hinjifannoodhaa beeki,leenjiidhaafi muuxannoo gahaa namni qabu,namni cabbii keessa jiraate qacacii roobaatiif hin badaduu taajjabi.

Yooo
Rakkoofi carraan ilmaan abbaa tokkoo kan fuula lamaatii beeki,motorri qaama keetii sammuu kee tahuu erga beekte immoo,fuula lamaan keessaa Kan irra sitti tolutti gatii kaffalii laali,olmaa kee immoo nama qaxaxxeefi sodaadhaan simarsee Kan booda carraa hin qabdu siin jedhurraa siqi.

Haloo
Furmaata malee rakkoo irratti hin xiyyeefatinii dhiisi,Kan kolfu dhabde malee Kan boohu Mana guutee ija kee irraa qabadhu,hundi namaa gaafa dhaltu harka duwwaa dhufe malee qabeenna baatee hin dhufnee xiinxalli.

Yes
Amala gaarii qabadhu,amalli gaariin immoo dinqaa gadi bahaa beeki,amalli gaariin hujii kee haqaafi dhugaa qofaan hijjadhu,namni haqaafi dhugaa irratti hundaahee cichee hojjate,qabeenna isaa keessa barakatu jiraa yoomuu hi hiyyoomatuu beeki,kanaafuu hujii kee bareechaa fuula kee ibsii deemi.
by Cush Land Sufian Ousman Page

Address

Islamaa
Asebe Teferi
CIROOJIIRRAA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hashiim Ahimed Nur posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share