Waldaa Adiveentistii Guuyyaa 7ffaa Naannoo Oromiyaa

Waldaa Adiveentistii Guuyyaa 7ffaa Naannoo Oromiyaa To Give Information About Bible and Asking question And Answer About Our Life! Also sometimes we work on entertainment !!!

Irraa hin hafiina !Eebbi CD Albem Video Music faarfataa jaallatamaa Amanuel LI (Amanuel Yisihak ) Faarfannaa Mata dureen...
16/05/2026

Irraa hin hafiina !
Eebbi CD Albem Video Music faarfataa jaallatamaa Amanuel LI (Amanuel Yisihak ) Faarfannaa Mata dureen isaa jedhu Waldaa Adveentistii Guyyaa 7ffaa Naannoo Wallaggaa Yuunivarsiitii kaampaasii Naqamteetti argamu keessatti ni gaggeeffama.

Namoonni naannoo sana jirtan kabaja guddaan Affeeramtaniittu. Namoota haalli isiniif hin mijannee fi sababa fageenyaaf argamuu hin dandeenye karaa telegraamii Jedhu live stream seentanii akka hirmattaniif haalli mijatee jira. Irraa hin hafiinaa.

Seensiftuu kunooti πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/+nwnR8e23xjxiMDU0

01/05/2026

Baga Guyyaa Qulqulla'aafi Eebbifamaa SANBATA Gooftaa Keenya Yesuus Kristoos Nagaan Geessan!πŸ€—

!

Haftuu Graphics

24/04/2026

Happy follow-versary to my awesome followers. Thanks for all of your support! Phawolos Mulgeta

Bara dhumatti Oguummaan ni baay'ata !!!!Chaayinaan qoricha dhala namaa hanga waggaa 150 jiraachisuu danda'u irratti hojj...
24/04/2026

Bara dhumatti Oguummaan ni baay'ata !!!!

Chaayinaan qoricha dhala namaa hanga waggaa 150 jiraachisuu danda'u irratti hojjechaa akka jirtu ibsite.

Oduu Waliif TV ( Ebla 23/2026) Finfinnee

"Lonvi Biosciences" taableetii sanyii wayinii kan nama hanga waggaa 150 jiraachisu danda'u oomishuuf qophaa'aa jiraachuu ibseera.

Mootummaan Chaayinaa qorannoo umurii dheeraa sammuu namtolchee fi baayooteknooloojii irratti cinatti hojii biyyaalessaa dursa kennuu isaa gabaasni Niiw Yoork Taayims irratti ba’e ni mul’isa.

Dhaabbanni teessoo isaa Sheenzhen keessa jiru "Lonvi Biosciences" kaapsulaa sanyii wayinii irraa hojjetamee umurii namaa waggaa 150 dheeressuu danda'u beeksisee.

Hogganaan olaanaa Teeknooloojii Liyuu Qinghua akka jedhanitti, ilmaan namootaa hanga waggaa 150tti jiraachuun isaanii dhugaa ta'uun isaa hin oolu, waggoota muraasa booda dhugaa ta'a jedhanii abdatan.

Akka Lonvi Biosciences jedhutti hantuutni qoricha laabraatoorii kanaan yaalaman marsaa jalqabaatiin umurii isaanii dhibbeentaa 9.4, guyyaa jalqabaa yaalamanii irraa ammoo dhibbeentaa 64.2 dabalaniiru.

Taableetonni kunneen molakiyuulii sanyii wayinii irraa adda baafame kan qorannoowwan kanaan dura Shaangaayitti gaggeeffaman irratti umurii dheeraa hantuutaa waliin walqabatee qorannoon gageefama jiru bu'aa qabeessaa jedhameera.

"Lonvi Biosciences" akka jedhetti kompaawundii kun β€œseelota zoombii” seelii dulloomaa kana booda hin qoqqoodamnee fi seelii namaa faalu kan balleessu yoo ta'u, tishuu fayyaa ta'e ni qusata jedhame jira.

Mddi -Waliif TV

22/04/2026

GABRUMMAA SAMMUU.

πŸ“ŒNamni Sammuun Gabroome Of
Waliin Wal Loleetu, Orma.
Jaarsummaa Lakkaaawwata.

πŸ“Œ Namni Sammuun Gabroome Nadhii Dammaa Gateetu, Gagaa
Nyaachuuf Olkaawwata.

πŸ“Œ Namni Sammuun Gabroome Mataa Ofii Hojiin Ala Godhee, Kan Nama Biraan Ergifatee Yaaduu barbaada.

πŸ“Œ Namni Sammuun Gabroome, harka hojii irra Harka Kadhaaf Beekamtii Kenna.

πŸ“Œ Namni Sammuun Gabroome, Waanuma isaan jedhan Of Se'a. Yoo Horii jedhaniin, Falmachuu Dhiisee, Marga Dheeduu Shaakala. Farda Yoo jedhaniin dugdi isaa Akka Kooraaf Baachuuf Tolu ilaala.

πŸ“Œ Namni Sammuun Gabroome, iddoo Kennaniif Taa'a, Waan Kennaniif Nyaata, Waan itti Fe'an Baata.

πŸ“Œ Namni Sammuun Gabroome, Nama Ta'uu isaa Namni Biraa Akka Mirkaneessuuf ifaaja.

πŸ“Œ Namni Sammuun gabroome, hayyama namaan nyaata, Karaa Nama Biraa irra Kaata, Abbaa Torbaati Orma lakkaawwata.

πŸ“Œ Namni Sammuun gabroome, Milkaa'ina Warra Biraa Tolcha (magic) jedhee Odeessa.

πŸ“Œ Namni Sammuun Gabroome, Bara irratti Hojjechuu Caalaa, Barruu isaa Raagduun Akka jetteen bula.

πŸ“Œ Namni Sammuun gabroome Haaraa Ofiif Bitate irra, Moofaa Ormaa Yoo Miiccatee Uffate itti Tola.

πŸ“Œ Namni Sammuun Gabroome, Gabrummaa isaa Bilisummaa Se'a.

πŸ“Œ Namni Sammuun Gabroome, Akka Ofiitti Yaaduu irra Akka Nama Biraatti Yaaduun qarooma jedhee Amana.

πŸ“Œ Namni Sammuun Gabroome, Warra isaaf Falman irra Warra isatti Falman jaalata.
Maaddi- Fuula interneetii

Ergaan kun karaa keessaa nama Abebe major Abush jedhuun nu qaqaabe irraati hirmaadha.Mana waldaa isaa lafaara ijaarachuu...
11/04/2026

Ergaan kun karaa keessaa nama Abebe major Abush jedhuun nu qaqaabe irraati hirmaadha.

Mana waldaa isaa lafaara ijaarachuun mana keenyaa isaa waaqarraaf haali duree qopheefachuudha ,Kanaaf kadhaata fi warri humna qabdan immoo gama dandeessaaniin irraati hirmaadha !!

Oduu Gammaachisaa !!Baga waaqayyo si gargaare   faar.Fayyisaa Eda'oo amantootni naannoo sanatti argamtan eebba faaruu ka...
07/04/2026

Oduu Gammaachisaa !!

Baga waaqayyo si gargaare faar.Fayyisaa Eda'oo amantootni naannoo sanatti argamtan eebba faaruu kanaa irraati hirmaadha.

Address

Ambo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Adiveentistii Guuyyaa 7ffaa Naannoo Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waldaa Adiveentistii Guuyyaa 7ffaa Naannoo Oromiyaa:

Share