23/08/2026
๐ค๐ผ๐ฟ๐บ๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ ๐๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ ๐ฌ๐๐๐ป๐ถ๐๐ฎ๐ฟ๐๐ถ๐ถ๐๐ถ๐ถ ๐ธ๐๐๐ฎ๐ฎ ๐ญ๐ฎ๐ณ๐ณ๐ฎ๐ฎ ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฎ ๐ฎ๐ฌ๐ญ๐ด'๐ป ๐ข๐ฟ๐ผ๐บ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐ฎ ๐พ๐ฎ๐ฏ๐
๐ถ๐ถ ๐ฑ๐ต๐ญ.๐ฒ/๐ฒ๐ฌ๐ฌ ๐ด๐ฎ๐น๐บ๐ฎ๐ฎ'๐๐๐ป ๐พ๐ฎ๐ฏ๐
๐ถ๐ถ ๐ผ๐น๐ฎ๐ฎ๐ป๐ฎ๐ฎ ๐ฎ๐ธ๐ธ๐ฎ ๐ฏ๐ถ๐๐๐ฎ๐ฎ๐๐๐ถ ๐ฎ๐ฟ๐ด๐ฎ๐บ๐ฒ ๐๐ฎ'๐๐๐ป ๐ถ๐ฏ๐๐ฎ๐บ๐ฒ.
'OBN Cyber Media' Hagayya 16,2018
Barattoonni kuma 70fi 544 qabxii Yuunivarsiitii isaan galchu galmeessuu Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa ibsan.
Bu'aan qormaataa seensa Yuunivarsiitii barattoota kutaa 12ffaa bara 2018 qoramanii ifoome
Barattoota bara 2018 Qormaata Seensa Yuunivarsiitii kutaa 12ffaa qoraman keessaa qabxii olaanaan Naannoo Oromiyaatti galmaaโe.
Qabxii Olaanaa Saayinsii Uumamaatiin barataan Mana Barnootaa Waldaa Misooma Oromiyaa Bultii Addaa Adaamaa qabxii 591.6/600 kan galmeesse yoo taโu Saayinsii Hawaasaatiinimmoo Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Ifa Booruu Dodolaarraa qabxiin 576.2/600 taโuu Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa ibsan.
Akka Naannoo Oromiyaatti barattootni 20,807 harki 10.53 qabxii darbiinsaa jechuunis harka walakkaafi isaa ol galmeesaaniirus jedhan.
Naannoo Oromiyaatti Manneen Barnootaa 156 barataa tokkollee kan hin dabarsine yoo ta'u, Manneen Barnootaa 37 ammoo barattoota qoraman hunda dabarsuutu ibsame.
Barattoonni qoramanis qabxiisaanii Wiixata/Kibxata dhufu karaa toora interneetiifi ergaa gabaabaatiin ilaallachuu akka danda'antu himame.
Abarraa Tashoomaan