10/11/2025
Aanaa Cirootti Ayyaanni Guyyaa Rivaanni Adii Dhaadannoo Haawasa Miidhaa Obsuu hin Dandeenyee Ijaarsa Biyyaatiif jedhuun kabajame
Sadaasa 1.2018
Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti Ayyaanni Guyyaa Rivaanni Adii Dhaadannoo Haawasa Miidhaa Obsuu hin Dandeenyee Ijaarsa Biyyaatiif jedhuun kabajame.
Itti Gaafatamtuun Waajira Gurmaa'insa Ummataa Aanaa Ciroo Addee Imabeet Mangistuu akka ibsanitti ayyanni Guyyaa Rivaanni Adii akka addunyaatti yeroo 34ffaa akka biyya keenyaatti Yeroo 20ffaaf Dhaadannoo Haawasa Miidhaa Obsuu hin Dandeenyee Ijaarsa Biyyaatiif jedhuun kabajamaa ooleeraa .
Sagantaa kana sababbeeffachuun dubartoota harka qalleeyyii ta'aniif meeshaalee garagaraa tola ooltummaan kennameeffi jiraa jedhaniiru.
Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Ciroo Obboo Yaassiin Mahammad gama isaanitiin ayyanniicha irratti argamuun haasaa taasiisaniin akka ibsanitti baga guyyaa Rivaanni Adii gessan jechuun ayyanniicha yeroo kabajnuu miidhaa dubartootaa irraan gaha jiruu haambiisuuf guyyaa waadaa itti galuudha jedhaniiru.
Qaamoolee sagantaa kanaaf deggarsa nuuf taasiisaan Dhaabbata Care Itoophiyaa Damee Godina Harargee Lixaa Sagantaa Piroojeekti UNFP Uplift Her yookaan Ishee Ol qabii Jedhamuun nuu waliin dhimmoota garagaraa irratti hojjachaa jiraniif galata guddaa qabnaafi jedhaniiru.
Hirmaatootni ayyanniicha yaada isaanii nuuf Kennan tokko tokko akka ibsanitti miidhaa dubartootaa irraan gahaa jiruu hambiisuuf tumsa barbaachisu hunda ni taasiisnaa jedhaniiru.