Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Waaqeffataa Ta'uun Ofta'uudha! Ofta'uun Heera Uumati! https://t.me/waaqeffannaa_religion_fa
(7)

Ijaarsi Galma Amantii Waaqeffannaa Mojoo xumuramuun tajaajila hojii Amantii Waaqeffannaa kennuu eegale. Ebla 07, 2026. M...
07/04/2026

Ijaarsi Galma Amantii Waaqeffannaa Mojoo xumuramuun tajaajila hojii Amantii Waaqeffannaa kennuu eegale. Ebla 07, 2026. Mojoo-Oromiyaa.
=========================

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti Giddugala Bahaa, Galmi Mojoo iddoo argaterratti ijaarsi Galmaa eegalamee ture akkaataa saxaxaafi qulqullina ijaarsaa eeggateen xumuramee jira.
Guutuu gabaasichaa geessituu (link) kanaan seentanii argachuu ni dandeessu.

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti Giddugala Bahaa, Galmi Mojoo iddoo argaterratti ijaarsi Galmaa eegalamee ture akkaataa saxaxaafi qulqullina ijaarsaa eeggateen xumuramee jira. Bal’ina isaa gabaasa armaan gadii irraa dubbisaa.

Dookimantarii Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Marsaa 16ffaaf Amajjii 3/2018 Galma Boosatitti kabajame geessituu (li...
10/02/2026

Dookimantarii Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Marsaa 16ffaaf Amajjii 3/2018 Galma Boosatitti kabajame geessituu (link) kana seenudhaan daawwadha!

Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo kan warra darban yaadachuuf kabajamuudha. Kan warra jiru walitti fidu, jireenya gaarii jiraachisu, akkasumas, kan dhaloota dhufuuf qananii ta’uudha. Nutis dookimantarii Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Marsaa 16ffaaf Giddugala Bahaa, Wiirtuu Baha Shaggar, ...

Kabajamtoota hordoftoota ‘Fuula Facebook’ Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, maxxansa keenya Amajjii 04/2018 is...
08/02/2026

Kabajamtoota hordoftoota ‘Fuula Facebook’ Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, maxxansa keenya Amajjii 04/2018 isinii maxxansineen Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo marsaa 16ffaaf Giddugala Bahaa, Wiirtuu Baha Shaggar, Konyaa Boosat, Galma Amantii Waaqeffannaa Boosatitti kabajamuu isaa isin biraan gahuun keenya ni yaadatama.

Dookimantarii isaa yeroo dhihootti isin biraan geenya! Hangasitti suuraalee Ayyaana kana irratti fudhataman geessituu (Link) asii gadii kana tuquun daawwadha!

Kabajamtoota hordoftoota Marsariitii Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, maxxansa keenya Amajjii 04/2018 isinii maxxansineen Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo marsaa 16ffaaf Giddugala Bahaa, Wiirtuu Baha Shaggar, Konyaa Boosat, Galma Amantii Waaqeffannaa Boosatitti kabajamuu isaa isin bi...

Dookimantarii Sirna Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa fi Arsii geessitu (Link) asii  gadii kana xuquun d...
02/02/2026

Dookimantarii Sirna Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa fi Arsii geessitu (Link) asii gadii kana xuquun daawwadhaa!

Dookimantarii keenya har’aa kanaan, miidhaa gamaafi gamanaan walirratti raawwatamaa ture gidduudhaa furuun fayyinni bal’aan taasifamuusaa kan isin biraan geenyu ta’a!

Sirni Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa (Jiillee) fi Arsii kan xumuraa taasifame!Amajjii 20/2018Sirni Ar...
28/01/2026

Sirni Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa (Jiillee) fi Arsii kan xumuraa taasifame!

Amajjii 20/2018

Sirni Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa (Jiillee) fi Arsii walitti bu’iinsa waliinii jidduutti gamaa gamanaa dhuman qorachuun erga hubatamee booda araarri marsaa xumuraa Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti Giddugala Bahaa Galma Malkaa Qoffee Magaalaa Maqiitti taasifameera.
Odeeffannoo guutuu geessitu (Link) kana keessaa argattu!

Sirni Araaraa fi Fayyina gosoota Oromoo ilmaan Tuulamaa (Jiillee) fi Arsii walitti bu’iinsa waliinii jidduutti gamaa gamanaa dhuman qorachuun erga hubatamee booda araarri marsaa xumuraa Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti Giddugala Bahaa Galma Malkaa Qoffee Magaalaa Maqiitti taasifameera...

Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Marsaa 16ffaaf Giddugala Bahaa, Galma Amantii Waaqeffannaa Boosatitti Kabajame.Ama...
12/01/2026

Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Marsaa 16ffaaf Giddugala Bahaa, Galma Amantii Waaqeffannaa Boosatitti Kabajame.

Amajjii 04/2018

Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti ayyaanota kabajaman keessaa isa tokko kan ta'e Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo, Amajjii 3/2018 marsaa 16ffaaf Giddugala Bahaa, Wiirtuu Baha Shaggar, Konyaa Boosat, Galma Boosatitti haala hawwataa ta'een kabajame.

Link itti aanu kana keessaa odeeffannoo guutuu argattu.

Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Marsaa 16ffaaf Giddugala Bahaa, Wiirtuu Baha Shaggar, Konyaa Boosat, Galma Amantii Waaqeffannaa Boosatitti kabajame. Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaatti ayyaanota kabajaman keessaa isa tokko kan ta’e Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo, amajjii 3/2...

Daawwattoota Youtube Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, maxxansa keenya darberratti "Fayyina Oromoo Arsii fi Ji...
04/01/2026

Daawwattoota Youtube Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa, maxxansa keenya darberratti "Fayyina Oromoo Arsii fi Jiillee" ilaalchisee gabaasa isiniin gahuun keenya ni yaadatama. Haaluma kanaan dokumantarii guutuu isaa karaa geessituu/link kanaan daawwadhaa.

Fayyinni Oromoo Jiilleefi Arsii Gidduutti Taasifame! -Milkoofne!Copyright ©2026 Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa ...

Fayyinni Oromoo Jiilleefi Arsii Gidduutti Taasifame.Mudde 20/2018Uummanni Jiilleefi Arsii bara durii irraa eegalee alaga...
29/12/2025

Fayyinni Oromoo Jiilleefi Arsii Gidduutti Taasifame.

Mudde 20/2018

Uummanni Jiilleefi Arsii bara durii irraa eegalee alagaan waldhabsiisudhaan walwaraanaa kan turan yoo ta’u, dhibdeen yeroo sanii akkaataa jiruun kan hin xumuramin waan ta’eef, hanga ammaattuu eessumaafi soddummaan kan adda cite, waljaalalli Oromummaa isaanii kan hanqatu ta’uu qorannaa…

Link itti aanu kana keessaa odeeffannoo guutuu argattu.

Uummanni Jiilleefi Arsii bara durii irraa eegalee alagaan waldhabsiisudhaan walwaraanaa kan turan yoo ta’u, dhibdeen yeroo sanii akkaataa jiruun kan hin xumuramin waan ta’eef, hanga ammaattuu eessumaa soddaa walkeessaa kan hin qabne, waljaalalli Oromummaa isaanii kan hanqatu ta’uu qorannaa Gal...

Suuraalee Yaa'ii Waliigalaa Idilee 21ffaa Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Sadaasa 13, 2018 kabajame link kana...
04/12/2025

Suuraalee Yaa'ii Waliigalaa Idilee 21ffaa Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Sadaasa 13, 2018 kabajame link kanaa gadii seenaa daawwadhaa!

👉

Gallery Page

Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Yaa’ii Waliigalaa Idilee 21ffaa isaa Giddugala Giddugaleessaa, Wiirtuu Finfi...
22/11/2025

Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Yaa’ii Waliigalaa Idilee 21ffaa isaa Giddugala Giddugaleessaa, Wiirtuu Finfinnee fi Naannawa Finfinnee, Konyaa Buraayyuu, Galma Amantii Waaqeffannaa Malkaa Gafarsaatti Sadaasa 13, Bara 2018 A.L.I. gaggeeffate.

Yaa’ichi koreelee sadarkaa gara garaatti muudamaaf dhiyaatan mirkaneessee jira.

Gabaasa guutuu link 👇 seenudhaan ni argattu.

https://waqefana.com/dhaabbanni-hordoftoota-amantii-waaqeffannaa-yaaii-waliigalaa-idilee-21ffaa-geggeeffate

Address

Waaqeffannaa2018@gmail. Com
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa:

Share