29/05/2026
Filannoon biyyoolessaa marsaa 7ffaa Caamsaa 24/2018 gaggeeffamuu nagaan akka xumuramuuf qophiin hundaa xumuramee - Kabajamoo Jeneraal Dirribaa Mokonnin Ajajaa Walii galaa Poolisii Oromiyaa
Caamsaa 21/2018
Filannoon biyyoolessaa marsaa 7ffaa Caamsaa 24/2018 gaggeeffamuu rakkoo nageenyaa malee karaa nagaan akka xumuramuuf qophiin hundaa xumuramuu isaa Kabajamoo Jeneraal Dirribaa Mokonnin Ajajaa Walii galaa Poolisii Oromiyaa miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Filannoon Marsaa 7ffaa karaa nageenyi isaa mirkanaa'een akka raawwatu taasisuuf qaamoleen nageenyaa keenya qindoominaan hojjataa jirachuus himaniiru.
Poolisiin Oromiyaa Godinalee fi Magaloota waliin ta'uun Filannoon biyyoolessaa marsaa 7ffaa Caamsaa 24/2018 gaggeeffamuuf qophii barbaachisu hunda xumuree gara hojiitti galuu himaniiru .
Humni nageenyaa gahaan eegumsa nageenya filannoottif ramadamee waan jiruuf ummanni keenyaa soda nageenya tokko malee bahee filachuu kan danda'uu ta'uu himaniiru.
Nagaan hunda keenyaaf!