Anole Page

Anole Page Bagaa Nagayan DHuftaani
Wellcome

25/01/2026

Baga waggaa 11ffaa hundeeffama miidiyaa keessan OMNtiin isin gahe!

Miidiyaan keessan OMN isiniin dhaabbatee isiniin utubamaa fi isiniif hojjataa waggoota 11f fulla'ee har'a gahee jira.

Miidiyaan keessan OMN akeeka hundeeffama isaa irraa otoo hin maqne borus cimee hojjachuuf karoora bal'aa qabatee hojiitti jira.

Kana milkeessuuf tumsi keessan akkaan murteessaa dha. Akkuma kaleessaa tumsi keessan nu waliin haata'u.

Kan darbeefis isin galateeffachuu yoomuu hin dagannu!

22/07/2025

Mooraa Siyaasaa Oromoo ijaaruu dhiisuun dhuunfaanis ta'ee murna murnaan humnoota siyaasaa kaabaa waliin qofaatti hidhata tolfachuuf yaaliin taasifamu uummata Oromootti balaa guddaa fidaa jedhan rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa.

Rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa yaada isaanii kennan, ofii otoo humna gitaa hin ijaarratin adeemsi humnoota kaabaa waliin gamtaa tolfachuu uummata Oromoo cunqursaa irraa cunqursaatti dabarsuun ala bilisummaa kan gonfachiisu akka hin taane himan.

Humna makaanaayzidii ijaarratee fi waraana Armii garaagaraan gurmeeffate, ajajoota waraanaa olaanoo biyyattii warra turaniin hoogganamuun socho'u akkasumas humna jaarraa tokkoo oliif Oromoo cunqursee ammas uummata Oromoo cunqursaa bulchiinsa Abiy Ahmad jala jiruun “Baala Gizee” jedhu waliin harka duwwaa yookii immoo humna sanaan gitu otoo hin qabaatin gamtaa tolchuun tarkaanfii tarsimaawaa miti jedhu.

Maliif jennaan jedhu, otuma bulchiinsi Abiy Ahmad aangoo irraa bu'eeyyuu warra kana waliin aangoo bifa haqa qabeessaan qooddachuun waan yaadamuu miti jedhu.

Waan humnoonni Kaabaa jaarraa tokkoo oliif uummata Oromoo godhan dagachuun gatii guddaa uummata kan kafalchiisu ta'uu rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa himan.

Mooraan siyaasaa Oromoo haalli itti jiru yaaddessaadha kan jedhan warri yaada isaanii kennan, kaan mootummaa deeggara, kan mootummaa deeggaru gartuulee siyaasaa Oromoo biraa akka diinaatti ilaala, kaan mootummaa morma garuu qabsoo hidhannoos ni morma, kaan qabsoo hidhannootti amana, kan qabsoo hidhannoo deeggaru qabsoo karaa nagaa hadheeffatee morma, akka kanaan humni Oromoo bittinnaa'ee uummata balaaf saaxilee jedhu.

Faallaa kanaa mootummaan Eertiraa humnoota kaabaa tumsa, kaayyoon humnoota kaabaa immoo mootummaa federaalaa deebisanii qabachuu dha kan jedhan warri yaada kennan, Oromoon tumsaa fi sochii siyaasaa taaktikaa qofa qabachuu akka hin qabne himu.

Mooraan qabsoo Oromoo sochii siyaasaa tarsimaawaa qabaachuu qaba, kun mooraa qabsoo Oromoo itichuu irraa jalqabuu qabaa jedhu.

Mooraa siyaasaa Oromoo tokkomsanii itichuu fi humna gitaa dantaa uummata Oromoo haaluma kam keessattuu tiksu ijaaruu akka feesisu himu.

Kana gochuuf immoo gartuuleen siyaasaa Oromoo marti kan mootummaa keessa jirus ta'ee mootummaa mormaa jiru saffisaan marii haqaa fi dhugaatti gadi taa'uun uummata kana baraaruu akka qaban hubachiisaniiru.

Walmorkii, xiiqii fi waldiineffachuu humnoota siyaasaa Oromootiin balaan kan ammaa caalu uummata Oromootti akka hin dhufne jechuun akeekkachiisu.

Mootummaan qabsoo ilmaan Oromootiin aangoo qabate humnoota siyaasaa Oromoo ofirraa dhiibuu caalaa firoomfachuu, marii haqa qabeessaa fi hunda mo'ataa godhu waliin taasisuu akka qabu kan hubachiisan warri yaada kennan, balaa dhufu malu qolachuun kan danda'amuyyuu humna Oromoo yoo tokkoomfatee dha jedhu.

Marii fi waliigalteen humna Oromoo mootummaa keessa jiruu fi mootummaa mormu giddutti taasifamu kan yeroo muddama mootummaa taasifamee yeroo muddamni qabbanaa'u diigamu ta'uu akka hin qabnes hubachiisan.

Kun walamantaa guutuutti dhabamsiisuu akka danda'u rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa akeekkachiisan.

Address

Oromia
Addis Ababa

Telephone

+251960845167

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Anole Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Anole Page:

Share