02/09/2025
Dachiin Oromiyaa qabeenya uumamaafi hawwata turizimiin sadarkaa biyyaalessaafi addunyaatti beekkaman hedduu qabaachuun beekamti.
******///******
| Godinni Arsii Lixaas bakkeewwan hawwata turiizimiif oolan haroowwan dabalatee fincaa'aawwan, aartuuwwan dawoomaaf oolan, bineensota bosonaafi allaattiiwwan ilaalamanii hinquufamne qabaachuun godina beekamuudha.
Aanaalee Godinni Arsii Lixaa qabu keessaa iddoowwan hawwata turiizimiif oolan qabaachuun kan beekamu Aanaan Dodolaas isa tokko. Aanichi laggeen, gaarreen, iddoowwan falaa, fincaa'aa, ardaalee jilaa dabalatee bakkeewwan hawwata turiizimiif oolan hedduu kan qabu yemmuu ta'u, iddoowwan kanneen keessaa tokko Tulluu Gadamsaa ykn Tulluun Xuuxxee isa tokkoodha.
Iddoon hawwata turizimii Tulluu Gadamsaa (Tulluu Xuuxxee) Aanaa Dodolaa Ganda Ashaanaa Roobeetti argama. Akkuma irraa hubachuun danda'amutti mandhee Gadamsa Gaarreen Baaleeti. Bineensotni kanneen marartuu (Endemic) ta'an kan akka Jeedala diimtuu, qeerransa, simbirroota gosa adda addaafi bineensotni daggalaa hedduun iddoo kanatti hedduminaan argamu. Bineensotni hawwata turizimii ta'an kunniin waliif funca soorataa ta'uun waloomaan jiraatu.
Tulluun Gadamsaa (Xuuxxee) moggaasa maqaa kana kan argate mandhee Gadamsa baddaa wayita ta'u, Xuuxxee kan jedhu immoo dabalataan tulluun kun fiixee qal'aa (xuunxoo harmoo daa'imman) fakkaatu qabaachuurraa kan moggaasa kana argachuu maanguddootni naannawa jiraatan ragaa bahaniiru.
Tulluun Gadamsaa olka'iinsa meetira 3000 oli kan qabuufi mukkeen gaggabaaboo akka Saatoofi kanneen birootiin kan dhuunfatameedha. Tulluu Gadamsaaf mukkeen gaggabaaboofi bineensotni gosa garaa garaa hawwattummaafi bareedina dabaluun turistoonni biyya keessaafi alaa hedduminan daawwatu.
Mootummaan naannoofi biyyaalessaa waggoottan jahaan dabran kanatti diinagdee aara-maleessa turizimiif xiyyeeffannoo kennuun gama misoomsuufi beeksisuutiin cichee hojjataa jira.
Turizimiin diinagdee kunuunsuufi beeksisuu qofa waan gaafatuuf gama maqaa diinagdee maddisiisuufi maqaa gaarii biyyaa ijaaruutiin shoora olaanaa taphata. Kanaaf qaamoleen bulchiinsaa sadarkaan jiran xiyyeeffannoon hordofuun dhimma murteessaa ta'e jechuun ni danda'ama.
Dawoon bineensota hedduufi mukkeen babbareedoon haguugame kun qabeenya uumamaan kan badhaadhe wayita ta'u, mandhee aadaa, seenaafi duudhaa Oromoo ganamaa ta'uun jaarraa hedduuf tajaajilaa jira. Labanni haarayaan ammaa qabeenya, iddoolee yaa'a, hawwata turizimii, aadaa, afaaniifi duudhaa ofii abuuruun ofii beekee dhalootaaf ceesiisuun dhimma ijoodha.
Kom. Godinichaa wabeeffanne !