22/12/2025
"Ani nama dogongoraan dhalatedha. Nama miti Waaqnuu waan na beeku miti. Maal jireenyi akkasii? Maal utuu dhalachuumtikoo hafeera ta'e hin wayyuu? Carraa abaaramaan akkasii kankoo qofa maaf ta'e" jettee beektaa?
Hiriyyoonni kee hundumtuu si biraa milkaa'anii jireenyi toora galeefii...! Bakka gurguddaa gahanii. Atimmoo rakkinni manakeetti wal gahee, Rakkinakee uffataan dhokfattee daabboo gogaa tokko ciniintee manaa baatee, gaafimmoo isumayyuu dhabdee hagabuukee baatee beektaa?
Halkan waarii saa'atii 9tti hirriba keessaa kaatee rakkinoota kee ilaaltee, carraan kee karaa hundumaan cuccufaa ta'uusaa ilaaltee sireekeerratti imimmaan sii fi waaqni qofti argitan buuftee beektaa?
Namni ati baayee abdattu tokko "Abshir anuu siif jira. Hin yaadda'iin! Waan barbaaddeen si cinan jira" jedhee waadaa siif galee, rakkinni morma gaafa si gahu itti bilbilattee bilbila sirraa kaasuu didee beekaa?
Wanti ati gatii guddaa itti baafte (yeroo kee, humna kee ykn maallaqa kees) itti baaftee, "kun naaf milkaa'eera" jettee abdatte tokkoo si jalaa babbadee, liqii namaa ofirraa baasuu dadhabdee karaa jallifattee dhokachaa jiraachuun si qunnamee beekaa?
Humnaa fi beekumsa utuu qabduu, waan ittiin mul'ata kee galmaan gahattu dhabdee, karaa meeqa yaaltee dandeettii kee Awwaaltee taa'uuf dirqamtee beektaa?
Bakka jireenya kee dhokfattee, bilbilaa fi location kee hundumaa jijjiirtee bakka maatii fi hiriyyoonni ykn namni si beeku kamuu sin argine jiraachuuf murteessitee beektaa?
Waan sitti hima!
Tasumaa abdii kee kuttee murtoowwan jireenya kee egeree dukkaneessan ofirratti hin murteessiin. Karaan ati irra adeemaa jirtuu fi haalli walxaxaan ati keessa jirtu daandii milkaa'insa keetti si geessanidha. Bor seenaa gootee dhalootatti akka himtuufidha.
Qormaata jireenyaa qoramaa jirta beeki. Qormaata kana injifattee darbinaan hayyootaa fi namoota gurguddoo bor addunyaaf bu'aa buusan, Kan miidiyaan biyya keessaaf alaa seenaa jireenya kee fi milkaa'insa kee afgaaffii siif gochuuf dabaree qabatan akkati taatu hin shakku.
Maaliif yoo jette seenaa ati har'a dabarsaa jirtu kun seenaa salphaa mitikaa! Qormaatichis qormaata salphaa mitika!
Kana injifattee darbitee, bor gaafa ati teessee dhugaa baatu, seenaan kee ofumaan "na dhaggeeffadhu! Na dhaggeeffadhu!" Namaan jedha.
Tasumaa harka hin kenniin...!
Ulfinni kee borii rakkina kee har'aan tasumaa hin madaalamu.
Waaqni inni si uume bu'aa ba'ii kana si dabarsee iddoo atiyyuu ofiif hin yaanne, iddoo kabajamaa si geessisa.
Maxxansa kana dubbiftee yoo jiratte, daqiiqaa tokko itti yaadi "Ati bor nama guddaa akka taatu" rakkina keetti himi.
godhaatii ittiin naaf gahaa!
Namoonni haala akkasii keessa jiran maxxansa kana dubbisanii namni tokko ykn lama abdii akka horatan nan amana!
Maxxansi koo biroon akka si qaqqabuuf
page koo 👇👇👇👇👇 https://www.facebook.com/profile.php?id=100082378001659
follow godhi.