21/05/2026
Qormaanni Naannoo Kutaa 6ffaa fi 8ffaa Qabiyyeen Barnootaa Keessaa Qophaa'e Beekameera.
Qormaatni Naannoo Kutaa 6ffaa qabiyyee barnootaa kutaa 6ffaa keessaa qofa kan qophaa'ee yoo ta'u, kan kutaa 8ffaa immoo qabiyyee barnootaa gosoota barnootaa kutaa 7ffaa fi 8ffaa keessaa kan qophaa'e ta'uun beekamee jira.
Walumaagalatti, qormaatni kutaa 6ffaa Waxabajjii 8-9/2018 kan kennamu yoo ta'u, kan kutaa 8ffaa immoo Waxabajjii 11-12/2018 ta'uu hubachuun;
-Barattootni guyyoota muraasa hafan kanarratti hundaa'uun qo'annaa keessaniif xiyyeeffannoo akka kennitan
- Barsiisonni deeggarsa barattootaaf taasisaa turtaniif galata qabdu jechaa, deeggarsi keessan hanga xumuraatti daran cimee akka itti fufu yaboo jenneerra.
- Maatiin barattootaas ijoollee keessan haala mijeessuufi jajjabeessun cinaa akka dhaabbattan dhaamsa keenya ta'a.
BBO Irraa
Odeeffannoo barnotaan walqabatan kamiyyuu argachuuf liinkii armaan gadii bantanii telegram keenya gochuun nu hordofuu ni dandeessu.ππ
π»πππππππππ: https://t.me/barsiisotaf