ODA East Shoa

Call Contact the organization

ODA East Shoa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from ODA East Shoa, Community Organization, Adama.

02/10/2026

Irreechi Tokkummaaf!
Irreechi Wal tahiinsa biyyaa!

02/10/2026

Baga Ayyaana Irreechaa Bara 2019 Geessan, Geenye.

Goota Misooma Obbo Abbaabbuu Waaqoo Itti Aanaa Bulchaa Godina Giddugala Oromiyaa ta'uun muudamanii jiru. bara Hojii Gaar...
29/09/2026

Goota Misooma Obbo Abbaabbuu Waaqoo Itti Aanaa Bulchaa Godina Giddugala Oromiyaa ta'uun muudamanii jiru.
bara Hojii Gaarii

Ijarsi Mana Barnootaa sad. 1ffaa WMO Damee Magaalaa Adaamaatiin Magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Boolee Aanaa Andoodeetti...
27/09/2026

Ijarsi Mana Barnootaa sad. 1ffaa WMO Damee Magaalaa Adaamaatiin Magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Boolee Aanaa Andoodeetti ijaaramaa jiru Xummurarra Gahaa jira.
TOKKUMMAAN MISOOMAAF!

Baga Gammaddan, Baga Gammanne!Barataa Mana Barumsa Bultii Addaa WMO kan ta’e, Finiinsaa Adam, dhaabbata barnoota olaanaa...
24/09/2026

Baga Gammaddan, Baga Gammanne!

Barataa Mana Barumsa Bultii Addaa WMO kan ta’e, Finiinsaa Adam, dhaabbata barnoota olaanaa biyya Raashiyaa, 'Moscow National Research Nuclear University'tti carraa barnootaa bilisaa (scholarship) gosa barnoota 'Nuclear Engineering'n argachuu keetiin baga gammadde!

Carraan kun boqonnaa haaraa imala barnootaakee keessatti beekumsa, ogummaafi muuxannoo itti argattu akkasumas mul'atakee galmaan gahuuf baay'ee murteessaadha. Hireen kana fayyadamuun, ciminakee akka gabbifattu, barattoota si duuba jiranitti karaa akka agarsiistu abdiifi imaanaan siin jechuu barbaada.

Gama biraatiin, kanaan dura obboleettiin Finiinsaa, barattuu Mana Barumsa Bultii Addaa WMO duraanii, Laliisee Adam, carraa barnootaa biyya Turkiyyeetti gosa barnootaa 'Software Engineering' tiin argachuun barnoota ishee waggaa lammaffaa barachaa jirti.

Waldaan Misooma Oromiyaa dhaloota addunyaa irratti dorgomoo, egeree uummataafi biyya keenyaaf gumaacha olaanaa taasisan oomishaa jiraachuu isaatiif, carraan ijoolleen keenya dorgomanii argachaa jiran agarsiistuu guddaadha. Hojii eebbifamaa kana milkeessuuf gumaacha kan taasiftan, ummatni keenya, miseensonniifi hoggansi WMO, akkasumas qooda-fudhattonni hundi baga gammaddan, baga gammanne isiniin jechuun barbaada.

Tokkummaan Misoomaaf!

21/09/2026
10/09/2026

Address

Adama

Telephone

+251221110251

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ODA East Shoa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to ODA East Shoa:

Shortcuts

Share