17/06/2024
Qorannoo Damee Hunda Irraatti Taasifameen Rakkoon Jijjiirraa Hojjetaaf Xiyyeeffanna Dhabuun,District Hunda Keessa Jira.
Addatti Garuu Kan District
Isaan Kun Addatti Warra Gaaffi Hojjetaa Deebisuu Miti Dhagahuu Hin Barbaannedha.
Baankiif Yaaddanis Akka Hin Taane Tolchinee Isin Beekna.
Yaada Dhuunfa Keessanii Qofaf Hiddaa Fi Laga Lakkooftanii, Warra Dhimma Baankiis Dhimma Hojjetas Hin qabnedha.
Addatti Immoo District Fi District Keessa Hojjetaan Baayyeen Waggaa 7 , 8, 9 fi Isaa Ol Damee Tokko Irraa Utuu Jijjiirraa Gaafatu Deebi Dhabee Taa'a Jira.
Kan Rakkoo Kana Dandamachuu Dadhabe Immoo Baankii Dhiise Deema Akka Ture Fi Akka Jiru HRM n Ragaadha. Amma Humna Nama Qabna Moo Hin qabnu Jenna District kanarraa.
Sababa Keessan Kufaatin Baankii Kanatti Dhufaa Jiru Lakkoofsa Akka Hin qabne Beekaa. Hojjetaan Akka Baankii Kana Abaara Jiraatuf Isin Sababa Jalqabaa Akka Taatan Beeka. Itti Gaafatamtus.
Jijjiirra Hojjetaaf Hin Hojjettu Taanan Horii Kamiin Nuuf Eegdaree Achi Teesse ?
Sababni Ittiin Hojjetaan Baankii Kana Abaaruuf Keessa Tokko Daba Keessan akka Ta'e Ammas Isinittan Hima.
Turtii Guyyaan Muraasa Gidduutti Dhimma Kana Hin Sirreessitan Taanan Maaltu akka Akka Ta'u Walumaan Ilaalla.
Qaallicha Qalma Dide Q2D
Irbuu Abbootaa